Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Humni Ittisa Biyyaa ajaja paartii jala jiru waraana biyyaa tahuu hin danda’u.

Ijoo Dubbii ABO

Humna Ittisa biyyaa tokko maaltu waraana biyyaa taasisa?” gaaffiin jedhu gaaffii deebii argatuu qabu, dhimma lammii biyyaa hunda ilaaluu fi beekuu qabu dha.  Biyya sirna dimokraasiin durfamtu keessatti waraanni biyyaa dantaa paartii ykn murna aangoo irra jiruu akka tiksutti hin ijaaramu. Amanamummaan isaa Heera biyyaatiifi malee paartii aangoo irra jiruufi miti. Gaafatamnii fi dirqamni isaatis walabummaa biyyaa fi heera biyyaa tiksuu qofa. Kan paartiin hin to’atamne; dhiibbaa paartiin kan lola seenuu fi lola dhaabu miti. Humni Ittisa Biyyaa amanamummaan isaa Heera biyyaatiif qofa tahuu dha qaba. Kan paartii tokkoon hin to’atamnee fi dhiibbaa paartiin hin hojjatne yoo tahe waraana biyyaa taha.

Kanaan alatti waraanni biyyaa paartii tokkoon ajajamu, amanamummaan isaa heera biyyaaf tahuun hafee Paartii aangoo irra jiruuf yoo tahe, waraana biyyaa ti jechuun hin danda’amu; Waraana paartii ykn murna aangoo irra jiruu taha. Waan taheefis dirqamni isaa walabummaa biyyaa fi heera kabajsiisuu tahuun hafee kan bu’aa paartii isa ajajuu tiksuu taha. Dantaa biyyaa fi ummataaf dhaabbatuu irra akeekaa paartii isa ajajuu fiixaan baasuudhaaf sosso’a. Kanaafis dalagaalee dantaa biyyaa fi ummatootaa tuqan irratti bobba’a. Paartii aangoo irra jiruuf hiriiree ummata mirga isaaf falmatu irratti ajaja paartiin tarkaanfii fudhata.

Waraanni Itophiyaa akka waraana biyyaatti ijaaramuu kan eegale lola addunyaa lammaffaatiin dura. Haa tahu malee humni ittisa biyyaaf ijaaramaa ture akka mootummaan aangoo irra jiru barbaadutti kan ijaaramu waan tureef, waraanni Itophiyaa sirna jalatti ijaarameef waardiyyaa dhaabbatee tajaajiluu irra dabree waraana biyyaa tahuun, biyyaa fi ummataaf dhaabbatuu hin dandeenye.  Akka humna ittisa biyyaatti walaba tahee waan hin ijaaramneef lola isa hin ilaallee fi hin barbaachifne keessatti lubbuu isaa wareeguun cunqursitoota jiraachise.

Gama biraan mootummaan fedhii ummataan alatti aangoo siyaasaa dhuunfate aangoo humnaan qabate irra turuuf humna ittisa biyyaa meeshaa ofii godhata. Qaama mootummaa kamiinuu olitti baajata guddaa itti ramaduun ijaara, jajjabeessa, guddisa. Kanaaf waraanni biyyaa bara mootummaa Dargii ture akka fakkeenyaatti fudhatama. Maallaqa biyyaa baay’inaan itti dhangalaafameen waraanni alasii biyyoota Afrikaa Sahaaraan gaditti argaman keessaa waraana isa guddicha taasifame. Kuma dhibbootaan ijaarame. Meeshaa akaakuu adda addaa baay’inaan hidhate. Waraanni alasii baay’inaan kan ijaaramee fi meeshaa baranee kan hidhachiifame sirna alasii tiksuudhaaf tahuun dhugaa dha.

Humni Ittisaa maqaa biyyaan ijaarame kun garuu wayta sirnichi kuffifametti akka waraana biyyaatti itti fufee hojjachuu hin dandeenye. Sababni isaatis murni haaraa aangoo biyyattii humnaan dhuunfate waraana biyyaa akka ofiif barbaadee fi humna sirnichaaf amanamaa tahe ijaarratuu waan barbaadeefi. Kana irraa humni ittisa biyyaa bara Dargii ijaarame Dargii waliin kufe. Wayta mootummaan jijjiiramu hireen humna ittisa biyyaa diigamuu fi ari’amuu tahuu tarkaanfiin Wayyaanee kun bareeche hubachiisa. Mootummaan murna bicuu Wayyaanee caasaalee murteessoo tahan hunda dhuunfatee biyya humnaan bitaa akka jiru hin wallaalamu. Bakkoota furtuu fi murteessoo tahan hunda irratti gaafatamoo fi ajajootni ilmaan Tigraayi. Caasaalee mootummaa murteessoo tahan keessaa tokko humna Ittisa biyyaa akka tahe ni beekama. “Humni Ittisa biyyaa maal fakkaata? Eeenyuunis ajajamaa jira?” gaaffiilee jedhan deebisuuf caasaa humna Ittisa biyyaa jedhamuu fi ajajoota isaa ilaaluun, “Waraanichi kan biyyaa ti moo, kan Wayyaanee ti?” isa jedhuuf deebii ta’a.

Humni Ittisa biyyaa akka duraanii humna Galaanaa hin qabaatiin malee kanneen hafan ni jiran. Humna Lafoo fi Qilleensaatti adda fuudhama. Humni lafoo ammoo Dameelee adda addaatti qoodama. Humna ittisa biyyaa waliigalaa irratti ajajaan Saamooraa Yunuus lammii Tigraayi. Dameelee shanan humna Ittisaa jala jiran kan ajajan ammoo,

I.      Damee leenjii, Let. Taddasaa Warrede,

II.      Damee Dheessii, Let/Jeneral Gatajii Abarraa,

III.      Damee Tikaa, Bir/Jeneral Gabree Deellaa,

IV.      Damee Bobbaa, Mej/Jeneral Gebra-igzaabiher,

V.      Damee Mahaandisaa, Let/Jeneral Birhaanee Negaasii ti.

Kanneen hundis dhalattoota Tigraay tahuutti dabalee miseensota paartii wayyaanee ti.

Humni Ittisa Itophiyaa biyyattii Godinaa afuritti qooduun waraana keessa qubachiisuun akka to’ataa jirus ni beekama. Humna Ittisaa naannoolee adda addaa qubatan irratti eenyu ajajaa akka tahe beekuun waraanichi eenyuun akka dhuunfatamee fi eenyuun akka ajajamaa jiru hubachiisa. Humni Ittisa Itophiyaa jedhamu Ajaja Waraana Kaabaa, waraana Kibbaa, waraana Dhihaa fi waraana Gidduu Galeessaa jedhamee bakka 4-tti qoodamee jira. Kanneen irratti kan ajajan,

1.     Waraana Kaabaa: Let/Jeneral Sa’ara Makonnin

2.     Waraana Bahaa: Mej/Jeneraal Abarraa W/Maaryaam

3.     Waraana Dhihaa: Mej/Jeneral Siyyum Hagos

4.     Waraana G/Galeessaa: Let/Jeneral Ababaaw Taddasaa ti. Kanneen keessaa ajajaa waraana Gidduu Galeessaa kan tahe Let/Jeneral Ababaaw Taaddasaa lammii Agaw irraa kan hafe hundinuu dhalootaan Tigroota. Humna Qilleensa Itophiyaa irrattis ajajaan Mej/Jeneral Mollaa nama dhalootaan Tigraay tahe dha.

 

 

Gama biraan humni Ittisa Itophiyaa mooraa leenjii waraanaa Bilaattee, Huursoo, Hawaas-Arbaa, Bir-shalaqoo jedhaman qaba. Kanneen irratti kan ajajan:

  • Mooraa leenjii Bilaattee: Koloneel Saaleh Barrihun
  • Mooraa leenjii Huursoo: Koloneel Nagaash Hilluuf
  • Mooraa leenjii bir-shalaqoo: ………………………????????
  • Mooraa leenjii Hawaas-Arbaa: Muzzeyyii Makonnin, hundinuu dhaloota Tigraay.

Humni Ittisa Itophiyaa Kolleejjota adda addaa miseensota waraanaa itti barsiisus qaba. Kanneen irrattis gaafatamoonnii fi ajajootni,

1.     Ajajaa Kolleejii Injiinariing: Koloneel Hallafoom Ijjiguu, Lammii Tigraay

2.     Ajajaa Koleejjii Fayyaa irratti: Bir/Jeneral Tasfaayee Giday, Lammii Tigraay

3.     Ajajaa M/Barnootaa Mulugeetaa Bulii: Kol. Maalee Awaajee, Lammii Tigraay

4.     Ajajaa Kolleejjii Istaafaa fi ajajootaa: Bir/Jen. Migbee Haylee, Lammii Tigraay

5.     Ajajaa kolleejjii managmentii: Koloneel Lattaay, Lammii Tigraay

 

Humna Ittisa Itophiyaa jalatti warshaaleen meeshaa waraanaa oomishanii fi suphan jiru. Kanneenis dhalattoota Tigraayiin kan ajajamanii fi bulfamani dha.  Hunda warshaalee humna Ittisaa irratti kan ajaju lammii tigraay Koloneel Waddi Nagaasii jedhamu dha.

  • Caasaalee Humna Ittisaa Itophiyaa kanneen hafanis haa ilaallu.
  • Gaafatamaa Bulchiinsa Staafaa:  Koloneel Waddi Xiwwuuq,
  • Gaafatamaa Horoo/finaansii:  Bir/Jeneraal Mahaarii Zawdee,
  • Gaafatamaa Qophii Karooraa fi sagantaa: Bir/Jeneraal Teklaay Ashabbir,
  • Ajajaa Humna eegumsa Finfinnee: Kolonel Zannebe Amaaree,
  • Ajajaa Humna eegumsa masaraa: Koloneel Garansee Tsehay,
  • Ajajaa Agaazii: Bir/jeneraal Muhammad,
  • Ajajaa eegumsa Baankii walii galaa: Koloneel Hawaaz Walduu,
  • Gaafatamaa Mana Murtii waraanaa: Kolonel Askaale,
  • Gaafatamaa Indoktirineshin: Kolonel Barrihuun, huninuu lammii Tigraay oggaa tahan ajajaa humna ittisaaf akka gorsituutti kan kaa’ames lammii Tigraay Kolonel Tsehaaye jedhamu dha.

 

Akka caasaa humna Ittisa Itophiyaa irraa hubatamutti humni waraanaa Kutaa waraanaa 21 jalatti ijaaramee jira. Kutaalee waraanaa kanneen irrattis kan ajajan:

1.     Ajajaa kutaa Waraanaa 31ffaa: Kolonel Tsahaayyee Gabruu, Lammii tigraay

2.     Ajajaa K.Waraanaa 33ffaa: Koloneel Kidaanee, Lammii Tigray

3.     Ajajaa K.Waraanaa 35ffaa: Kolonel Misgaanaa Alamuu, Lammii Agaw

4.     Ajajaa Kutaa waraanaa 24ffaa: Koloneel Warqii Aynuu, Lammii Tigraay,

5.     Ajajaa Kutaa waraanaa 22ffaa: Koloneel Dukuul, Lammii Tigraay

6.     Ajajaa K.W Mekaanayiidi 8ffaa, Kolonel Jamaal Muhammad, Lammii Tigray

7.     Ajajaa K.W.14ffaa: Kolonel Waddu Hanxuruu, Lammii Tigraay

8.     Ajajaa K.W 21ffaa; Kolonel Guush Gabree, Lammii Tigray

9.     Ajajaa K.W 11ffaa, Kolonel Warqi iduu, Lammii Tigraay

10. Ajajaa K.W. Mekaanayizdii 41ffaa, Kol. Hintsa W/Giyorgis, Lammii tigray

11. Ajajaa K.W 25ffaa, Kolonel Tasfaayee Sahaal, Lammii tigray

12. Ajajaa K.W 20ffaa, Kolonel Taklaay, Lammii Tigraay

13. Ajajaa K.W 19ffaa, Kolonel Waddi Gu’ee, Lammii Tigraay

14. Ajajaa K.W 44ffaa, Kolonel Zawduu, Lammii Agaw

15. Ajajaa K.W. 13ffaa, Koloneel Shariifoo, Lammii Tigraay

16. Ajajaa K.W Makaanayizdii 6ffaa, Kol. G/Madiin Faqaadee, Lammii Tigraay

17. Ajajaa K.w 32ffaa, Kolonel Abrehaa, Lammii Tigraay

18. Ajajaa K.W Mekaanayizdii 7ffaa, Kol. Gabree G/Maariyam, Lammii Tigraay

19. Ajajaa K.W. 23ffaa Kolonel Wolde Bilaalam, Lammii Tigraay

20. Ajajaa K.W 43ffaa, Kolonel Waddi Abaata, Lammii Tigraay

21. Ajajaa K.W 26ffaa, Kolonel Mabraatuu, Lammii Tigraay

Walii gala ajajoota Kutaa waraanaa 21 keessaa lama qofti lammii Agaw oggaa tahan kanneen hafan hundi Tigroota.

Mootummaan Wayyaanee haala olitti ibsameen waraana dhuunfatee guutummaatti irratti ajajaa tahee olii fi gadi oofaa jiruun akka waraana biyyaatti dhiheessa. Haa tahu malee keessi waraanichaa waraana biyyaa tahuu kan mul’isu osoo hin taane waraana murna tokkoo, dhaloota naannoo tokkoon dhuunfatame, kaayyoo fi akeeka murna tokkoo hojii irra oolchuudhaaf kan ijaarame tahuu mirkaneessa. Waraana humna Ittisaa jedhamee himamu kana keessattis Tigrootaan alatti kanneen hafan qooda homaatuu keessaa hin qaban. Qoodni qaban yoo jiraate, qawwee baatuun murna aangoo irra jiruuf waardiyyaa tahanii tiksuuf kan dirqaman, lola dantaa biyyaas tahe ummata isaanii hin kabajne keessatti hirmaatuun umrii bittootaa dheeressuu dha. Keessattuu kanneen dhalootaan Oromoo, Amaaraa, ummatoota Kibba Itophiyaa fi saboota kaan irraa tahan aangoo irraa fageeffamuun waraanicha waraana Wayyaanee taasisee jira. Kana irraa kan maddeenis ummatootni Itophiyaa waraana biyyaa akka hin taane hubatuun waraana Wayyaanee jedhanii waaman.

Murni Wayyaanee gama tokkoon garaa garummaan keenya ykn baay’inni sabootaa fi ummatootaa faaya keenya jechuun lallabu, gama kaaniin ammoo waraana maqaa biyyaan ijaarame kan Tigree qofa taasisuun dhiphummaa fi ofittummaa isaa kan ifatti mul’isu, mirga sabootaa fi ummatootaa kan hin kabajnee fi itti hin amanne tahuu mirkaneessa. Kana irraa ka’uudhaanis ABOn waraanni, amanamummaan isaa paartiif tahe, miseensota paartiin hogganamu, akka waraana biyyaatti dantaa biyyaa fi ummataa tiksuu akka hin dandeenye ibsa. Hireen waraana kanaas kan isa dura tureen adda taha jedhees hin eegu. Kanaaf qaanii fi salphina irraa hafuuf kanneen qaawwee baatuun waardiyummaa qofaaf hiriirfaman, ofiif, biyyaa fi ummatoota isaaniif jecha murna isaanii fi ummatoota isaanii xiqqeessaa jiru kana dura dhaabbatuu qabuun dhaamsa ABO ti


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net